Mada Slur, Getty Images
Yeroo ammaa barbaachisummaan hubannoo nam-tolchee ykn Artiifishaal Inteliijens (AI) akkaan dabalaa dhufeera.
Dhaabbileewwan hedduu hojiisaanii bifa salphaan hojjachuuf teeknolojii hubannoo nam-tolchee kanatti dhimma bahaa jiru.
Haa ta’u garuu, oggeeyyin lakkoofsa hedduu ta’an yaaddoo teeknolojii kanarraa qaban irraa kan ka’e qaamoleen teeknolijicha uuman dursa waa’ee miira namaa sirriitti korachuu akka qabaniif xalayaa banaa barreessuun gaafataniiru.
jechuun hubannoon nam-tolchee dur yaada qofaan ture har’a qabatamaan bal’inaan hojiirra oolaa jiraachuufi yaaddooinni Uum Akeekkachii Sun Bareth Ogayin.
Ogeeyyin addaddaa hubannoon nam-tolchee sadarkaa miirafi hubannaa namaarra gaheera jedhanii hin amanan.
Garuummoo saffisni teeknolojiin kun ittiin guddataa jiru dhala namaaf yaaddodha waan ta’eef bakka ta’etti dhaabbachuu qaba kan jedhanis jiru.
fubannouuumu
Jechi hubannoo nam-tolchee (Artificial Intelligence – AI) jedhu mala kompiitaraa hojii silaa dhalli namaa hojjatu hojjachuuf oolu hundumaa kan hammatuudha.
Kunis chaatbootiwwan (chatbots) gaaffii namni gaafatu hubachuu akuma namaa deebii kennanifi maloota wantoota suurarra jiran adda baasuf dandeettii qaban fa’aa kan of-keessatti hammatuudha.
Ammammoo tekinolojiin hubannoo nam-tolchee ChatGPT-4 jedhamu nama hojii malee hambisa jedhamee yaadamaa jira.
Dabalataanis hubannoon nam-tolchee seektara akka qorannoo fayyaa, gabaafi faayinaansii keessattis hojiirra ooluu jalqabeera.
Abang Kabinya Adunya A Elon Maask Diyenya Kana Waen Nageni Yunmaa Kolatami Hanga Hojiira Orutti Hubbanu Namturchi Kanbira Akka Itti Hin Fayadamne Da Abbilly Satif Ajaja Kennira.
Haati warraa duraanii Elon Maask, Taluulah Rileey, hubannoon nam-tolcheetin sadarkaa namaatti yaadun danda’ameera jettee fuula Tiwitarasheerratti barreessite.
Waa’ee jijjiirama haala qilleensarratti hubannoon nam-tolchee walii galaa (AGI) hanga Gireetaa Tanbarg hubannoo uumuu ni danda’a jetti. Gireetaa Tanbarg jijjiirama haala qilleensarratti hubannoo uumudhaan beekamti.
Waa’ee dhiibbaa hubannoon nam-tolchee geessisaa jiruurrratti komii jiru xalayaa kan qindeesse dhaabbata Association for Mathematical Consciousness Science (AMCS) jedhamu yoo ta’u, hubanoon nam-tolchee yeroo kalaqamu dhimmoota akka ‘hamilee’ fi namuusa namummaarratti qorannoon gaggeeffamuu hippo jedha.
Ogeeyyin addunyaa garaa garaarraa walitti dhufuun waa’ee hubannoo nam-tolchee gaaffii kaasan kun gara fuulduraatti dhalli namaa akkamitti teeknolojii kana waliin jiraachuu akka danda’u qorannoon saayinsaawanis godhamuu akka qabu eeru.
“Hubannoon nam-tolchee (AI) saffisaan guddataa deemunsaa saayinsii miira namaa irratti qorannoon sirriin akka gaggeeffamu dirqisiisaa jira,” xalayaan ogeeyyin kun barreessan.
Mada Slur, Getty Images
Rose darbe injinarri dhaabbata Google keessa hojjataa ture Bileek Lemoon hubannoon nam-tolchee miira qaba jennaan dhabbatichi hari’e.
Akka inni jedhetti, modeliin afaanii Google fayyadamu ‘Lamda’ jedham miira qaba.
Dhaabbanni Google garuu teknolojiin hubannoo nam-tolchee ‘Lamda’ hojii itti kenname- akka namaatti nama wajjin qunnamtii gochuun ala fayidaa biraaf hin oolle jedhe.
Sodaan biraa jiru ammoo teeknolojiin hubannoo nam-tolchee gara fuulduraatti namoota miliyeena 300 ta’an hojii malee hambisa jedhama.
Sababnisaa teeknolojiin kun hojii silaa namni hojjjatee jiraatu hojjachuu danda’a waan ta’eef.
